Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zaambiyaa Keessatti Reeffii Lammiwwan Itiyoophiyaa 27 Argamuun Gabaafamee Jira


Poolisiin Zaambiyaa Dilbata kaleessaa reeffa dhiiroota 27, kanneen godaantota Itoophiyaa irraa dhufan ta’uu isaanii amanamuu arganii jiru. Kanaafis shakkiin jiru beelaa fi dadhabbii ykn butuuta irra ga’een erga du’anii booda, naannoo qonnaan bulaa qarqara magaalaa galma mootummaa Lusaakaa tti gataman polisiin argachuu isaa qondaaltonni himan.

Namni tokkittiin lubbuun argamee yaala argachuuf gara hospitaala Luusaakaatti kan Dilbata kaleessaa ganama kan geeffame yoo ta’u, namoonni du’an ammoo eenyummaa isaanii adda baasuuf akkasumas sababaa maliin akka du’an qorachuuf jecha, gara mana reeffaatti geeffamuu, poolisiin beeksiseera.

Qorannoon duraa poolisiin gaggeesse akka agarsiisutti namoonni du’an kun hundi dhiirota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 38 gidduu jiru yoo ta'u, namoota hin beekamneen daandii irratti gatamaniir argaman.

Gocha sukanneessaa kana ilaalchisee uummata biraa eega odeeffannoo erga argatee booda Poolisii fi qaamoleen nageenyaa biroo hundeeffamaniin qorannaan jalqabamuu, dubbi himaan poolisii Daani Mwale ibsa baasaniin hubachisanii jiru.

Godaantonni Itoophiyaa yeroo baay’ee gara biyyoota akka Afrikaa Kibbaatti yeroo imalan karaa Zaambiyaa fayyadamu. Haa ta’u malee gabaasni du’a Zaambiyaa keessatti dhaga’amu baay’ee xiqqaadha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG