Manni Maree Waliinii kan Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhinni hokkora naannoo Oromiyaa godiina Wallaggaa Bahaa keessatti deemaa jiru ilaalchisee gaaffii dhiyaateef deebii akka kennu gaafateera.
Gamtaa paartilee siyaasaa biyyattii keessatti seeraan galmaa’an 53 ol of keessaa qabu Manni Maree Waliinii kun ajjeechaa fi buqqaatii lammiilee nagaa naannoo sanatti raawwatamaa jiru kan ilaaleen yaaddoo guddaa qabu ibsee jira.
Bakka bu’oota Paartii biyya bulchaa jiru Badhaadhinaa biraa deebii kennamuu eega dhaggeeffatee booda ibsa akka baasu beeksisee jira..
Mootummaan Itoophiyaa garuu namoota dhuunfaa fi gareewwan hokkara deemaa jiruuf itti gaafatamummaa qaban sana irratti tarkaanfii fudhachuu akka itti fufu dhaadatee jira.
Mootummaan hawaasa waliin ta'uun shororkeessummaa, finxaaleyyii, hannaa fi bu'aa argachuu irratti hojii fi tarkaanfii fudhatamu cimsee itti fufa jedhan dubbi himaan mootummaa Itiyoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu jechuun Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.
Forum