Xurree ittiin seenan

Breaking News

Horroo Guduruu Wallaggaa Kanneen Buqa'an Gargaarsa Dhabuu Himatan


FAAYILII - Agamsaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa
FAAYILII - Agamsaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessaa sababaa dhabamuu nageenyaan buqqaasamanii kanneen magaalaa Obborraa jiran keessaa, “Gargaarsa dhabuudhaan rakkataa jirra” jechuun Sagalee Ameerikaatti himan.

Keesumaa daa’immaniifi haadholiin rakkoo hammaataaf saaxila bahaa jiraachuu dubbachuun, mootummaan gargaarsa atattamaa akka taasisu gaafannaa jedhan, buqqaatota keessaa hagi tokko.

Dhimma kanarratti, anga’oota Buusaa Gonofaa godinichaarraas tahe, Naannoo Oromiyaarraa deebii argachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne.

Haa ta’u malee, Jaarmayaa Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri gargaarsa namoomaa qindeessu, OCHA’n namootni kuma 100’n lakka’aman Oromiyaa Lixaa keessaa manneen jireenyaa isaaniirraa buqqaasamuu beeksiseera.
Naakoor Malkaa gabaasa itti aanu ergeera.

Horroo Guduruu Wallaggaa Kanneen Buqa'an Gargaarsa Dhabuu Himatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:49 0:00

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG