Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishinni Gamtaa Afrikaa Marii Mootummaa Itiyophiyaa fi ABUT Giddutti gaggeeffame Irratti Ibsa Baase


FAAYILII - Ibsa Gamtaan Afrikaa marii waliigaltee Itoophiyaa booda kenne, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022
FAAYILII - Ibsa Gamtaan Afrikaa marii waliigaltee Itoophiyaa booda kenne, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022

Mootummaa Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Uummata Tigraay(BUT) erga walii galteen diinummaa dhaabuu mallatteessee as tarkaanfiiwwan amantaa uumuu gaarii fudhataniif Komishiniin Gamtaa Afrikaa galateeffatee jira.

Komishinichi xumura walga’ii marsaa lammaffaa Ajajoota Ol’aanoo mootummaa Federaalawaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) irratti ibsa baaseen, nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaa deebisuuf gam lameen tattaaffii taasisaa jiran akka itti fufan jajjabeessee jira,.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa akka jedhutti, walgahiin kun Yeroo hojii, Mala Hordoffii, Mirkaneessauu fi Ulaagaa Waliinii kan ilaaleen hiika jiru isaa xumuree jira. Kana malees Walgahiin kun hojiirra oolfama deemsa hidhannoo Hiikkachuu, looltummaa keessaa ba’u fi deebi'anii Walitti Makamuu irrattis mari'atameera jechuun ibsichi hubachiise.

Gam lameen Mala Hordoffii fi MirkaneessUU koree waloo fi Garee hayyoota Afrikaa of keessaa qabu irratti kan waliigalan yoo ta’u gam lameen irraa tokkoon tokkoon isaanii bakka bu’aa tokko fi bakka bu’aa IGaAD kan of keessaa qabu ta’uu ibsameera.

Akka galmee RSA dameen faanfa Afrikaa argee jedhutti, aangoon koree waloo kanaa wantoota biroo dabalatee, looltoonni ABUT meeshaa hiikkachuun xumuuramuu isaa mirkaneessuu, rasaasaa fi meeshaa waraanaa akka hin arganne gochuu, dabarsuu ykn sochii hayyama maleef meeshaa waraanaa loltoota ABUT, Albuuda ykn meeshaa dhoo'hinsaa kaa'uu ykn itti fayyadamuus ta'e bakka bu'oota ykn qaamota hidhannoo biroof deeggarsa ta'u isaa hordoofa.

Akka galmee kanaatti gareen hayyootaa gama isaatiin, dhimmoota biroo dabalatee humnoonni alaa fi kan miseensoots humna raayyaa ittisa biyyaa hin taane gara daangaa isaaniitti bahuu isaanii mirkaneessa jedha.

Raayyaan ittisa biyyaa Daangaa Itiyoophiyaa addunyaan beekuu fi naannoo hojii isaaf mijatutti akka bobba’u ni taasisa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG