Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneen Barumsaa Finfinnee Keessatti Jeequmsii Uumamee Ture Tasgabba’ee jira : Dhaabbata Imbaa Xabbaaqii


FAAYILII - Mana Barumsaa Itiyoo Paarentis, Finfinnee, Onk.26, 2020
FAAYILII - Mana Barumsaa Itiyoo Paarentis, Finfinnee, Onk.26, 2020

Manneen baruumsaa Finfinnee tokko tokko keessatti alaabaan oromiyaa fannifamuu akkasumas faaruun naannoo Oromiyaa akka faarfatamuu taasiisfame kan jedhamuun wal qabatee, jeeqamsii uumamee ture tasgabbaa’uu isaa fi lafa jeeqamsii ture hundumaati deemsii barachuu fi barsisuu itti fufuu isaa, dhaabatii ye Itiyoophiyaa Hizb Imbaa xabbaaqii jedhamu irraa Dr Indaale Haaylee RSAf ibsanii jiru.

Manneen barnootaa jeeqamsii keessatti ka’e ilaalchisee dhaabati kun turban tokko dura ibsa baaseen, bulchiinsii naannoo Oromiyaa bu’aa addaa argachuu qabuu fi akkaataa rawwatama isaa ilaalchisee ifatti lafa hin ibsamneetti, manneen barnootaa keessatti alaabaa oromiyaa akka Fannifamuu sirna fannisuu irratti faaruun akka faarfatamuu dirqisiisuun, gocha aangawoonni mootummaa dhunfaan gaggeessanii dha jedhee jira.

Manneen barnootaa keessatti jeeqamsa uumamee tasgabbeessuun nagaan deemsa barachuu fi barsiisuus itti fuufuu haala dandeesisuu dhimmi jedhu irratti, guyyoota muraasa dura hogganoota manneen barnootaa waliin mariin gaggeeffamee irratti kantibaa magaala Finfinnee kan ta’an aaddee Adaanach Abeebee ibsa kennaniin, waa’een alaabaa fi faaruu oromiyaa kun sababa ta’an malee, dhimmichi siyaasa jedhanii jiran.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Yunivarsitiin Kotobee qorannaa inni sirna barnootaa afaanneen adda addaa irratti gaggeesseera jedhame, rakkoo uumamee kanatti xumuura kan tolchuu fi kana irrattis mariin akka gaggeeffamu itti gaafatamaan biroo barnootaa magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatu waltajjii marii sana irratti ibsanii jiru.

Polisiin Finfinnee Roobii dabre ibsa baaseen, ajandaa dhoksaa ituu tarkaanfachiisanii qabaman kan ittiin jedhe seeraan akka gaafataman taasisaa akka jiruu fi miiraan oofamanii ituu hin beekiin meeshaa farreen nagaa ta’an kan ittiin jedhe barattoota baayyee gadhiisusaa isaa ibsee jira.

Jeequumsa uumamee keessatti kallattiin itti hirmaatan kan ittiin jedhe shakkamtoota 97 to’annaa jala olchuun qorannaa gaggeessaa akka jiru duraan beeksisee ture jedha Addis Chekool gabaasa ergeen.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG