Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Hojiin Tajaajilawwan Turan Iddotti Deebisuu Hatattamaan Akka Gaggeeffamu Qajeelfamni Kenname


FAAYILII- Muumicha Ministiraa Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimed
FAAYILII- Muumicha Ministiraa Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimed

Mummicha ministeera Itiyoophiyaaf gorsaa waa’ee nageenya biyyoleessaa kan ta’an Amb. Reedwaan Huseen, daawwannaa kaleessa Maqalee keessatti gaggeessan sana booda mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmadiif waa’ee daawwannaa Sanaa ibsuu isaanii, Twitarii ofii irratti barreessani jiru.

Mummichi Ministeeraa Abiyyi ibsa sana booda, hojii raawwachiiftonni dhaabbatonni mootummaa Fedeeraalaa tajaajilawwan turan hojii iddotti deebisuu caalaatti hatattamaan akka gaggeeffamu qajeelafa kennanii jiru jedhan Ambaasaaddar Reedwaan.

Qajeelfamnii kun ifa ta’u hordoofees, daandiin balalii xayyaaraa kan Itiyoophiyaa Robii borii kaasee balalii imaltootaa gara Maqaleetti akka jalqabu beeksisee jira.Kana ilaalchisees sabaa himaa biyya keessaa murtaa’oo ta’aniif ibsa kan kennan hojii raawwachisaa olaanaa kan daandii balalalii xayyaara Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasew, dirreen balalii xayyaaraa kan Maqalee waan tajaajilaaf barbaachisu martii guutameefii akka jiru kan ibsanii, Teeleekomunikeeshinii fi Intarneetti hojiin iddotti deebisuu hara xumuurama jedhan.

Ammaaf balaliin guyyaatti al tokko ta’u isaa fi akka fedhii imaltootaatti akka dabalamu ibsan.

Gama kaaniin, Raayyaan Ittiisa Biyyaa hanga Kamiisa dhufuutti magaala Maqalee akka seenu Amb Reedwaan ibsanii jiru.Akka walii galtee Naayroobii isa marsaa lammataatti, hanga Kamiisaatti meeshaalee gurguddoo kan waraanaa hojiin wal harkaa fudhuu akka gaggeeffamu, raayyaan ittisaas, keessumaa maqalee keessatti itti gaafatama heera biyyatti irra ka’ame hojii irra olcha jedhamee eegama jechuun Amb Reedwaan ibsuu isaanii Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG