Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneen Barnootaa Finfinnee Keessatti Jeeqama Umaamee Irratti Kan Mootummaa Kan Ta’e Komishinni Mirga Namoomaa Ibsa Baasee Jira


Magaalaa Finfinnee keessa kan jiranii fi barnoonni afaan Oromoon bakki itti kennamaa jiru manneen barnootaa sadarkaa duraa fi lammataa keessatti nageenyii dhabamuu isaaf sababaan, alaabaa Oromiyaa fannisuu fi faaruu alaabaa kanaa akka faarfatamuu taasifamuu, kun immo barattoota yaada adda addaa qabanii fi hawaasa manneen barnootaa gidduutti walii galtee dhabiinsaa fi walitti bu’iinsa uumuu isaa, kan mootummaa kana ta’e komishinni mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsee jira.

Itti fayyadama alaabaa fi faaruu ilaalchisee bu’uura seeraa fi sababaan ilaalamuun dhimmoota dhiittaa mirga namoomaa gara fuula duraatti mudatan ittisuuf ni gargaara jedee jira.

Iddoo harka caalaatti, dhimmakana ilaalchisee jeeqamsaa fi walitti bu’iinsa uumamee akkasumas miseensonni polisii haala kana to’achuuf tarkaanfiin hidhaa fudhatan mirga namoomaa irratti dhiibbaa akka qabu ibsee jira komishinichi.

Deemsii barnootaa danqamuu malees barattoota murta’an irratti midhaan qaamaa fi miraa jabaa fi salphaan dhaqqabuu kan ibse komishinni kun, qabeenyaan barattootaa fi mana barumsaa barbadaa’ee, barattoota daa’imman ta’an irratti midhaa qaamaa fi hidhaa seeraan alaaf saaxilaman jedhe.

Haala uumamee kana waliin wal qabatees barataan du’e tokko akka hin jirre mirkaneeffadheera jedhe, barattonni to’annaa jala oolfaman mana murtii ijoollee fi mana murtii ramadditti dhiyaachuun wabiin hedduun hiikamuu ibse.

Haallii akkasii gara fuula duraatti yoo mudatee dhiittaa mirga namoomaa gonkumaa ittisuuf, ija seeraa ilaalnii ilaalamuu akka qaban komishinni kun yaada gorsaa dhiyeessee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG