Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoggansa Umna Tikaa Duraanii Irratti Adabbiin Hidhaa Murteese


FAAYILII - Manna Murti Ol-aanaan Feederaalaa Itiyoophiyaa
FAAYILII - Manna Murti Ol-aanaan Feederaalaa Itiyoophiyaa

Manni murti ol aanaan feederaalaa kan mootummaa Itiyoophiyaa haanga’otaa tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaleessaa duraanii irratti murtoo kennee jira.

Akkuma Kanaan, manni murtichaa itti aanaa hogganaa dhaabbatichaa kan turan Obbo Yaareed Zerihuun irraatti hidhaa waggaa shanii murteesse jira. Obboo Yaareediin allatti hojjatootaa jaarmiyichaa duraanii sagal irrattis hidhaa waggaa sadii amma waggaa shanii kan murteesse yemuu ta’u, isaan keessaa namoonni sadii waan waggaa itti murtaa’e mana hidhaa keessatti waan dabarsaniif akka gadii lakkisaman murtaa’un isaa beekameera.

Obbo Yaared Zerihuun dabalatee warreen biroo afaanis waggaa adabbi itti murtaa’ee mana hidhaa keessatti waan xumuraniif dhiheenyaa kana mana hidhaati akka bahu danda’an Gebremikaa’el Gebremedihin Finfinnee irra gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG