Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Qophii Kabajaa Ayyaana Qillee, Oromiyaa Keessatti


Haala Qophii Kabaja Ayyaana Qiillee
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:05 0:00

Haala Qophii Kabaja Ayyaana Qiillee

Jiraattonni naannoo Oromiyaa godinaalee gara garaa fi magaalaa Finfinnee Sagaleen Ameerikaa kabajaa Ayyaana Qillee ilaalichisuun dubbise yaada isaanii kennan akka jedhanitti, Ayyaana Qillee bara kanaa miira adda addaatiin kabajamaa akka jiru himan.

Kanneen godinaalee Oromiyaa bakka garaa garaa irraa bilbilaan dubbisne ummatni ayyaana kabajuuf dhiyyeessii barbaachisu hin qabu, gabaan hin jiru oomishaaleen adda addaa hin jiran, midhaan harkaan daaknee nyaatna, kan miidhaan hin qabnes jura jechuun ibsan.

Tajaajilii baankii ,ibsaa ,bishaani fi Networkii akkasumas dhiyyeessii shaqaxoota adda addaa soogidda dabalatee bakkeewwan rakkoon nageenyaa jiranitti rakkisaa dha jechuun ibsaniiru.

Jiraattonni magaalaa finfinnees rakkoo nageenyaa kaaba Itoophiyaa furuuf haalli itti deemame gara lixaa biyyaattis itti fufuu qaba nageenyi waarawaan akka biyyaatti akka jiraatuf jechuun haalaa gabaa ayyaana Qillees itti dabaluun ibsaniiru.


Ayyaana kana ilaalchisuun erga kan dabarsan Ministirri Muummee Abiy Ahimad, "Itoophiyaa boruu fooyyessuuf Itoophiyaanoonni seenaa dhalootaa kanarraa barumsa hedduu barachuu qabu" jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG