Atileetonni naannoo Tigraay irraa waggoota lama maatii isaanii wajjin odoo wal hin argin dabarsan kunneen harra maatii isaanii waliin wal argan.
Jilli preezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa atileet Derartu Tuuluutinn durfamu magaalaa Mekele seenee jira.
Gareen miseensota 53 of keessaa qabu kun Letesenbet Gidey Goweyitom Gebresilaasae fi Gudaaf Tsegaayi kan of keessatti qabu. Atileetonni kun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Ameerikaa Kutaa Origan keessatti gaggeeffameen injifataniiru.
Atileetonni kun yeroo maatii isaanii waliin wal argan imimmaan waliin ture.
Atleetonni kun maatii isaanii waliin ennaa wal argan himimmaan dhangalaasuun yoo ta’u, daawwannaan har’a kunis kan guyyaa tokko qofa ta’uun ibsamee jira.Kana malees Atleetiksii bulchiinsa naannoo Tigraay keessaa ilaalchsee hogganoota Ispoortii Tigraay waliin dubbachuuf akka ta’e prezidaantii Atleetiksii Itiyoophiyaa Atleet Daraartuu Tulluu ibsitee jirti.
Obbo Geetaachoo Raddaa Atleetoota kana waliin wal arganii suuraa ka’an Twitarii ofii irratti kan maxxansan yoo ta’u, haallii jiru foyya’uu kan danda’uu yoo jabaannee irratti hojjannee qofa isa jedhuuf kun abdii tokko jedhan.
Gootoonni keenya dhiiraa fi dubartootaa baga nagaan dhuftan jedhanii Kun akka milkaa’uuf kanneen hojjatan Atleet Daraartuu Tulluu fi aangawoota mootummaa Feedeeraalaa Galatomaa jechuun Obbo Geetachoo Raddaa Twiitarii ofii irratti barreessanii jiru.
Forum