Mootummaan Itiyoohiyaa gurgurtaa oomisha boba’a irratti deggersa gochaa ture kaasuu itti fufuudhaan waggaa Bajataa keessatti yeroo sadaffaaf dabala gatii taasisee jira.
Akka kanaanis Keeroosinii ykn Gaaza adii akkasumas Naafxaa irratti gatii guddaa kan dabalee yoo ta’u, daballi Beenziina irratti ta’e garu giddu galeessa jedhamee jira.
Deggersii taasifamuu kun mootummaa Qarshii Biliyoona 10 akka dhabsisee kan ibsee waajirri ministeeraa oomisha boba’aa hawaasnii jireenya sadarkaa gadii irra jiran itti fayyadaman deggersa dabalataa qarshii kan Biliyoona 2 gochuu isaa beeksisee.
Tajaajiila Geejibaa kanneen kennanii fi boba’an fayyadaman gatii tajaajiila geejibaa kennan irratti gatii dabaluuf akka dabalaniif kan dirqisiisuu ta’u dubbatu.
Sadarkaa guutuu biyyatti boba’aa ilaalchisee deggersa ta’u suuta sutaan tajaajilamoota biraan ga’uuf qajeelfamnii eega bahee booda baatii Adooleessa, Fulaabana amma immo yeroo sadaffaaf daballi kun ta’e jechuun Addis Chakol Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum