Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaabineen Bulchiinsa Finfinnee Sirna Barnootaa Af-daneessaa Laalchisee Murtii Dabarse


Kaabineen magaalaa Finfinnee sirni barnoota af daneessi akka hojii irra oolu murtee dabarse, Amajjii 12, 2023
Kaabineen magaalaa Finfinnee sirni barnoota af daneessi akka hojii irra oolu murtee dabarse, Amajjii 12, 2023

Kaabineen magaalaa Finfinnee walga'ii idilee gaggeesseen sirni barnoota af daneessi akka hojii irra oolu murtee dabarsuun ibsamera.

Torbaanotaan dura manneen barnoota magaalaa Finfinnee tokko tokko keessatti dhimma faaruun Oromiyaa fi alabaan bulchinsa naannoo Oromiyaa manneen barnoota mootummaa kan finfinnee keessa jirani keessatti faniffamuu waliin wal qabatee hookkarri ka'ee ture.jedha ibsi waajjirichaa.

Sababaa kanaanis barsiisonni fi baratoonni dhibbaan lakkawaman to'atamanii dhimmi isaanii qoratamaa ture,gariin mana hidhaatti hiikamuu poolisiin magaalaatti ibseeras jedha Waajjirri kantiibaa magaalaa Finfinnee

Bu'uruuma kanaan bulchiinsi magaalaa finfinnees gaaffillee ka'a turaanif sirna barnoota haarawaa qo'achiisa ture har'a ifomsuu isaa beeksisee jira.

Akka sirna barnoota magaalaan finfinnee qo'achiisa turetti halli baruu fi barsiisu akkaataa itti geggeessamus beeksiseera. Barattoonni Afaan Oromoon baratan Afaan Amaaraa akka afaan 2ffaatti akka baratan,

Barattoonni Afaan Amaaraan baratan Afaan Oromoo akka afaan 2ffaatti akka baratan, jedhamuun murtaa'uu beeksise. Kutaa 7ffaa jalqabee manneen barnootaa magaalichaa hunda keessatti gosti barnootaa hundi Afaan Ingiliziin akka laatamu murteeffameera.

Kutaa 9 fi 10ffaatti Afaan Arabaa fi Faransaay akka filannootti gosa barnootaa ta'anii akka laataman, akkasumas Barnoonni idileen duraa sadarkaa 1ffaa umrii waggaa 4 akka eegalamu murtaa'uutu ibsame.

Kutaa 11ffaa fi 12ffaatti akaataa sirna barnootaa haaraan barnoonni hojii fi Teeknikaa akka filannootti akka baratamu,

murta'era, akka oddeeffannoon marsaritti hawasumaa wajjira kantibaa magaalaa Finfinnee ibsutti.


Dabalaatan,Hanqina kitaabilee manneen barnootaa dhuunfaa furuuf kitaabilee gurgurtaan dhiyeessuuf maxxansa kitaabaaf Fandii naannawaan Birrii miiliyoonni 250 baajanni dabalaataa akka eeyyamamu murteesseera kabineen magaalatti.

Sirna barnootaa Afaan Oromoon barsiisuuf Bulchiinsa naannoo Oromiyaarraa fudhatamee hojiirra oolaa ture sirna barnootaa haaraan kan bakka bu'u ta'uu ibsa har'aa bahe keessatti erameera.

Dhimma kanarraatti oddeffannoo dabalataattif Biiroo barnoota Finfinnee fi qamoole dhimmi ilaallatu irraa deebii argachuuf carraaqqiin taasisne har'aaf hin milkoofne yeroo itti aanutti yoo arganne qabaner dhiyanaa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG