Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni maree mootummaa Ityoophiyaa Muudama Kenne


FAAYILII - Manna Maree Bakka Bu’otaa Ummataa Ityoophiyaa, Finfinnee
FAAYILII - Manna Maree Bakka Bu’otaa Ummataa Ityoophiyaa, Finfinnee

Manni Maree Bakka Bu’otaa Ummataa Ityoophiyaa walgahii isaa kan wagga lammaffaa marsaa Saddeettaffaa irratti prezidaanti fi itti aantuu prezidaanti mana murti muummee muude jira.

Akkaumaa kanaan, Oboo Teewoderoos Mihiret pirezdaantii mana murtii muummicha, Aaddee Abebaa Imbiyaalee Mengiistee immoo itti aantuu pirezdaantii gochuun raggasisee jira.

Hoggantooni mana murtichaa duraanii Aaddee Ma’azaa Ashanaafii fi Obbo Salamoon Araddaa aangoo isaanii fedhiidhaan gadi lakkisuun isaanii kan ibsamee yemuu ta’u, sababinni aangoo isaan gadi lakkisaniif hin ibsamne.

Haaluma walqabateen, miseensotaa kaabiinee torban darbee aangoo isaanii irraa kaasaman Afur- Injineer Taakelee Umaa Ministira Albuudaa, Aadde Daagimaawiit Moges Ministira geejibaa fi Loojestikaa, Obbo Umar Kadir Ministira qonnaa, akkasumas, minstiraa dhimmaa kaabinee Obbo Tafarii Fiqiree - bakka buusuudhaaf manii marichaa har’a ministrootaa haaraa akka muudu ibsameera.

Heerrii biyyatti keeyyanni 74 lakkoofsi lamaa muummeen ministiraa biyyatti, miseensotaa kaabinee paartiiwwan miseensaa mana maree ta’an keessaa akkasumas, wareen mana mareeti ala jiran keessaa filaachuudhaan akka muudamaaf dhiiheesuu danda’u akka eeyyamuuf ni beekamma.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG