Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ityoophiyaan Dhaabbata UAE Wajjin Waligaltee Annisaa Mallateesite


Pirezdaantii Yuunaayitid Arab Imereets fi muumee ministiraa Itoophiyaa

Mootummaan Ityoophiyaa dhaabataa Annisaa biyya Yuunaayitid Arab Imereets kan aduu irra umna soolaaraa maddisiisu Maasdaar jedhamuu wajjin waligaltee umnaa inarjii meegaawaati 500 argamsiisuu danda’u mallateessuu isaa muummichii ministiraa Abiyii Ahimad Roobii har’aa fuulaa tiwuutarii isaanii irratti beeksisuu isaanii maddi oduu Rooyiters gabaase jira.

Waligaltichii Itiyoophiyaa keessatti umnaa Inarjii guddisuu fi karoora Iduustirii muummichi ministiraa Abiy Ahimad qaban kan gargaaru akka ta’e kan ibsee gabaasni Rooyiters, Ityoophiyaan yeroo ammaa, akka waligalaatti inarjii Meegaawati 4,898 akka qabduuf kana keessa dhibbentaan 91 umna bishaanii irraa kan maddu ta’u isaa galmee unma ibsaa Ityoophiyaa waabefachuudhaan ibsee jira.

Akkataa waligaltee kanaatin dhaabbanni umna soolaaraa maddisiisan lama akka ijaaraman kan ibsan muumichii ministiraa bakka umni soolaaraa sun itti ijaaramu akka hin imnee Rooyiters ibseera.

Ityoophiyaan wagga darbe hidha lagaa abbayyaa irraa umna ibsaa maddissisuu kan jalqabdee yemmuu ta’au, hidhichii yemmuu guutuudhaan hojachuu jalqabu, umna meegaa waatii kuma Jaha akka maddisiisuu danda’au ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG