Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad Aangawoota Muudamaaf Dhiyeessanii Jiru


FAAYILII- Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimed
FAAYILII- Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimed

Muummchi Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad jijjiirraa ministeerota kaabinee kan ministeera Geejjibaa fi Loojistikaa, kan ministeera Albuudaa akkasumas ministeera Qonnaa ta’an har’a dhyeeffatan.

Haaluma kanaan, Dr. Alemu Sime Ministeera Geejjibaa fi Loojistikaa, Obbo Habtaamuu Tagany ministeera Albuudaa akkasumas, Dr. Girmaa Amente ministeera Qonnaa akka ta’aniif maqaa dhahan. Kana malees, Aaadde Alemtsehay Phawulos ministeera Dhimma Kaabinee fi Hoggana Hojjetoota Waajjira Muummicha ministeeraa akka ta’aniif dhiyeessan.

Kanneen haaraa muudaman kun irra caalaa ministeerota afur dhiheenya kana kabajaan hojii irraa gaggeeffaman jedhaman bakka bu'u. Gama kaaniin Obbo Maammoo Mihreetu bulchaa Baankii biyyooleessaa kan Itiyoophiyaa gochuuf mummichi ministeeraa Abiyyi dhiyeessanii jiru.

Obbo Maammoon yeroo ammaa hoji gaggeessaa dhaabbata Invastimantii Itiyoophiyaa Holdings jedhamu ta’uun hojjechaa jiru. Erga muummichi ministeeraa Abiy Ahimad bara 2018 aangoo qabatanii as bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa kan turan Yinager Desse bakka bu'uuf jiru.

Manni maree bakka bu’oota Uummataa jalaqaba baatii dhufu jechuun Guraandhalaa boqonnaa ji'a tokkoo osoo hin ba’iin dura kaadhimamtoota muummicha ministeeraa dhiyeessan ni raggaasisa jedhamee eegama jechuun Keeneedii Abaate ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG