Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Bliinkan Abiyyi Ahmad Haasoofsisanii Jiru: Dubbii Himaa


FAAYILII - Ministirria Haajaa Alaa Yuunaaytid Isteets Antonii Blinkan fi Muummee Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmad, Yaa'ii Hoggantoota Yunaaytid Isteets fi Afrkaa, Waashingitan Diisii, Mudde 13, 2023
FAAYILII - Ministirria Haajaa Alaa Yuunaaytid Isteets Antonii Blinkan fi Muummee Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmad, Yaa'ii Hoggantoota Yunaaytid Isteets fi Afrkaa, Waashingitan Diisii, Mudde 13, 2023

Ministirri Haajaa Alaa Antonii Blinkan kaleessa Muummcha Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmad waliin waa’ee Waliigaltee Sadaasa 2 tolfame hojii irraa olchuu irratti hanga har’aatti jijjirama guddaan mul’ate irratti dubbachuu isaanii dubbii himaaan munisteerri haajaa alaa Yunaaytid Isteetis Ned Praayis sambata dabree ibsanii jiru.

Walii galteen tolfamees, waraanni Eertiraa akkuuma amma ta’a jiru Itiyoophiyaa Kaabaa keessaa bahuu qaba kan jedhu of-keessaa qaba jedhan.

Jijjirama argame kan simatan Bliinkan Itiyoophiyaa kaabaa keessatti nagaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuun dhimmi ijoo ta’u ibsuu isaanii fi n, to’attonni mirga namoomaa kan addunyaa akka seenan akka ta’uuf Bliinkan gaafachuu isaanii Praayis ibsanii jiru.

Adeemsa nagaa Ityoophiyaa kaabaa keessaa kan gamtaa Afrikaan durfamu Amerikaan deggeru waadaa seente, Bliinkan irra deebi’anii Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahmadiif mirkaneessanii jiru jedha.

Kana malees tasgabii dhabiinsa Oromiyaa keessa jiru xumuura itti tolchuun barbaachisaa ta’u isaa irratti lameenuu dubbachuu isaanii Need Praayis ibsanii jiru.

Garuu walii galteen Piriitooriyaa loltoonni Eertiraa akka ba’an kan lafa hin keenya yoo ta’u gama mootummaa federaalaa goruun wal waraansa dhiiga dhangalaasisee keessatti dararaa hamaa geesiisan jechuun, Ameerikaa fi gareewwan mirga namoomaatiin himatamaa turan.

Ameerikaan Gamtaa Awurooppaa waliin ta’uun Eertiraan loltoota ishee akka buqqistu dhiibbaa gochuuf yaaltee turte.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG