Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina hawaasa oromoo, magaalaa Sanbatee fi naannoo ishee keessatti, har’a walitti bu’iinsii meeshaan deggerame akka ture bulchaan godinichaa Obbo Ahmad Alii RSAf ibsanii jiru.
Dheengadda jechuun gaafa Dilbataas, godiina shawaa Kaabaa Jaawuhaa irratti walitti bu’iinsii biraa akka ture ibsamee jira.Walitti bu’iinsii Sanbatee keessaa kan jalqabame isa kan Jawuhaa sana to’achuuf yaaliin taasifamaa yeroo tureetti ta’u kan ibsan Obbo Ahmad Alii ittiin ka’uumsa isaa fi miidhaa dhaqqabe kan ilaaleen qorataa jirra jedhan.Nagaa buusuufis yaaliin taasifamaa akka jiruus ibsanii jiru.
Waajirri dhimmoota Komunikeeshinii kan bulchiinsa naannoo Amaaraaf itti gaafatamaa kan ta’an Gizaachoo Muluneeh dhimma Jawuhaa ilaalchisee gaafatamanii hogganni sadarkaa olaanaa kan mootummaa bulchiinsaa naannoo irratti dubbataa akka jiru ibsanii jiran.
Magaalaa Sanbateetti dabalata naannoo Haaxaayyee fi shawaa Roobitittis darbee dabrbee dhukaasnii kan dhaga’amu ta’u madden RSAf kan ibsan yoo ta’u hanga waaree booda sa’atii kudha tokkotti, Dasee gara Finfinnee akkasumas Finfinnee irraa gara Daseetti kokolaataan sosso’an, naannoo shawaa Roobiti fi Kamisee dhaabatanii akka jiran dhaga’ameera jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira.
Forum