Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boordiin Nageenya Biyyoolessa Ameerikaa Gabaasa Itiyoophiyaan Boyiing 737 MAX Ilaalchisee Baaste Mormi


FAAYILII - Caccabaa xiyyaara Itoophiyaa naannoo Bishooftuutti kufee, Bitootessa 11, 2019.
FAAYILII - Caccabaa xiyyaara Itoophiyaa naannoo Bishooftuutti kufee, Bitootessa 11, 2019.

Boordiin geejjiba biyyoolessaa balaa lubbuu namaa galaafate bitootessa bara 2011 Boing 737 MAX irra ga’e ilaalchisee gabaassa xumuraa kan Itiyoophiyaa irratti dogoggora kan hojjete yoo ta’u, qorattoonni hojii garee balalii sanaa haala quubsaa dhaan hin ibsine jedhee jira. Dura teessuun boordii nageenya geejjiba biyyoolessaa Jinifer Homeendii gaaffii fi deebii geggeessaniin waajjirri qorannaa xayyaara Itiyoophiyaa gabaasa sana irratti dogoggora hojjechuu isaa dubbataniiru.

Homendiin akka jedhanitti dhugumatti kan isaan hin goone yoo jiraate hojii garee balalii sanaa fi qophee ga’aa gochuu fi dhiisuu isaanii akka ta’etu nutti dhaga’ame. Gabaasichi kan walii gala fi cimaa akka hin ta’intu nutti dhaga’ame. Baa 2018 fi 2019 MAX Boing xayyaara doolaara biliyoona $20 ol fixe Indoonesiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti kufee caccabee Boing leenjii fi jijjiirraa software erga taasisee booda to’attootaan xayyaarri lafaa ka’ee ture deebisee baatilee 20f akka dhaabatu ta’ee jira.

Boordiin nageenya jeejjiba biyyoolessaa ji’a darbe uummataaf ifa ta’uu isaa dura gabaasa Itiyoophiyaa isa xumuraa gamaaggamuu fi akkasumas yaada kennuuf carraan hn kennamneef jedhee jira. Tokkummaa mootummootaatti ejensiin aviyeeshinii Montriyeel seerawwan to’atu cabsuu illee akka ta’e Homendiin dubbataniiru.kana duras argamee hin beeku jedhan. Dhaabbata sivil aviyeeshinii addunyaatiin gabaasa sana gamaaggamuu fi yaada itti kennuuf mirga qabna jedhan. baatii Muddee keessa kan dhiyaate yaadii boordii nageenya geejjiba biyyoolessaa wixinee kana dura dhiyaateef boordichi gamaaggameef deebii dha jedhan.

Boordichi akka jedhetti kanaan dura inspeektaroonni Itiyoophiyaa sababa balaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Amajjii 2019 dhaqqabee lubbuu namoota 157 galaafate qorachaa turan gabaasa isaanii keessatti leenjii hojjettoota xiyyaaraa fi ulaagaalee balaa tasaaf qiyyaafata gahaa hin kennine jedheera. Boordiin qorannaa balaa xayyaara Itiyoophiyaa balaa kana caasaan xayyaara sanaa kan MCAS jedhamu hojjechuu dhabuu isaa ti jechuun komee dhiyeessee jira. Waajjirichi gaaffii dhiyaateef battala deebii hin kennine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG