Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hordoftoonni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Diisiitti Hiriira Geggeessan


Hiriira hordofrtoonni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa geggeessan, Gurraandhala 1, 2023, Waashingitan Diisii
Hiriira hordofrtoonni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa geggeessan, Gurraandhala 1, 2023, Waashingitan Diisii

Abbootiin amantii fi amantoonni mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsa Muummee Ministiraa Abiyyi Ahimed dhiheenya ministiroota isaaniif kennan balaaleffachuudhan Kamisa kaleessaa, Guraandhala 1, 2023 Waashingitan Diisii keessatti hiriira bahaniiru.

Ministarri Muummee Abiy Ahimad Kibxata darbe haala yeroo irratti miseensota kaabinee isaaniif oggaa ibsa kennan, waldhabdee Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa fi abbootii amantaa dhiheenya naannooleef muudama geggeessan gidduutti uummame kaasuun, dhimmichi salphaa ta’uu eeranii gareewwan lamaan kun akka wal-dhabdee isaanii mariin furan gaafataniiru.

Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa ammoo ibsa Abiyyi kennee fi ejjennoo mootummaan isaanii fudhate mormuun Roobii kaleessaa ibsa kenneera.

Gabaasa Habtaamuu Siyyum.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG