Muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimed har’a aangawoota mootummaa isaanii kaan waliin tahuudhaan, eega mariin araaraa Sadaasa dabre mallatteessame as yeroo jalqabaatiif hoogganoota Tigiraay wajjiin walga’uu isaanii, aangawoonnii fi maddeen oduu mootummichaa beeksisanii jiran.
Hoogganoonni gam-lameenii walii-galteeleen Pritooriyaa fi Naayiroobiitti mallatteessaman hagam akka hojii irra oolfaman xiinxaluu isaanii fi dhimmoota daran xiyyeeffannaa barbaachisan irratti mari’achuu isaanii, Korporeeshiiniin Broodkaastiingii Itiyoophiyaa dubbate, jechuun maddi oduu Ajaansi Firaansi Prees gabaasee jira.
Mariin kun bakka bashannanaa Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti argamu, Kan Halaalaa Kellaa jedhamutti tahuu maddi maddii oduu mootummaa beeksisee jira.
Forum