Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dambi Doolloo Keessatti Walitti-bu'iinsa Kaleessa Uumameen Hidhamtoonni Miliqan, Jedhame


FAAYILII - Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambi Doolloo, Naannoo Oromiyaa
FAAYILII - Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambi Doolloo, Naannoo Oromiyaa

Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa godiina Qellem Wallaggaa magaala Dambii Dolloo keessatti kamiisa kaleessaa Guraandhala 2 bara 2023 ganamaa jalqabee naannoo ganda 03 fi karaa magaalatti ittu seenan kan naannaa ganda 05 keessatti dhukaasa guddaa dhaga’uu isaanii jiraattonni oduu gabaasaa RSAf ibsanii jiru.

Walitti dhukaasii kunis humnoota nageenya kabajsiisan fi kan aangawoonni Shanee jedhanii waaman Waraana Bilisummaa Oromoo giddutti kan gaggeeffamee dha shakki jedhu qabu jiraattonni.

Dhukaasii kun eega qabanaa’ee booda hidhattonni mootummaa kokolaataan deemaa meeshaa sagalee guddisuun “ Warrii mana hidhaa keessaa baatan deebi’aa seenaa” jedhanii labsaa akka turan namnii dhaga’ee jedhe tokko ibsee jira.

As Yunaaytid Isteetis keessa kan jiran dubbii himaan WBO Obbo Odaa Tarbii, hidhattonni keenya magaalaa Dambii Dolloo keessaatti haleellaa gaggeessanii jiruu, hidhattoota mootummaas ajjeesaniiruu kaanis boji’aniiruu akkasumas kanneen hidhaa keessa turan akka miliiqan taasiisan jechuun RSAf ibsanii jiru.

Haleellaa gaggeeffame jedhame kana ilaalchisee aangawoota naannoo sanaas ta’e kan Oromiyaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf carraaqqii RSA taasisee hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG