Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad Miseensoota Sinoodosii Waliin Marii Gaggeessan


FAAYILII- Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad
FAAYILII- Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad miseensota Sinoodoosi Qulqulluu waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa waliin marii gaggeessaa jiru. Jilli marii kana irratti hirmaachaa jiru kun Paatriyaarkii biyyatti Abuna Maatiyaas kan of keessaa qabu ta’u waldaan kun beeksiftee jirti.

Amantoonni Ortodoksii hanga abbootiin amantii ba’ii marii kanaa ibsanitti obsaan akka eeggatan waldaan kiristaanaa kun waamicha dhiyeesseitee jirti.

Mootummaan bulchiinsa Naannoo Oromiyaa gama isaan, gareewwan haala yeroo ammaa jiru kana akka carraatti fayyadamuun jeequmsa kakaasuuf hojjetan ittiin jedhan himatee jira.Kanaafis obsa isaa waan fixateef jecha tarkaanfii fudhachuu akka eegalu ibseera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee mormii amantoota Ortodoksii biyyattii keessatti itti fufee jiruun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa hunda cufee jira.

Manneen barnootaa keessatti jeequmsa kakaasuuf yaaliin adda addaa taasifamaa jira jechuun bulchiinsi magaalichaa ibsa baaseen beeksisee jira.Haga yoomitti manneen barumsaa kun akka cufaman garu ifa hin goone.

Cufamuun mannen barumsaa kun, Sinodoosi Qulqulluun waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa akkuma saganteeffateetti hiriira guutuu biyyaatti akka gaggeessu labsuu isaa waliin wal afaan dhufe.

Mootummaan muddamsii yeroo itti fufee jiru keessatti waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa biyyattii keessatti cufee jira.

Kanneen ugguraman kunis, Fees Buukii, Tiik Took, Teleegraamii fi Vaaybarii ta’u Keeneedii Abaate Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG