Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ugaandaa Keessatti Waajirri Mirga Namoomaa Cufamuun Komee Kaasisee Jira


Rogeeyyii fi mormitoonni Ugaandaa murtee mootummaan waajjira mirga namoomaa Tokkummaa Mootummootaa biyyattii keessa jiru cufuuf murteesseen gadda itti dhaga’amee ibsaa jiru.

Cufamuu waajiira kanaaf deebii kan kennan Uugaandaatti ambaasaaddarri Ameerikaa mirgi namoomaa lammiileen akka kabajamu mirkaneessuu qabu jedhan.

Waajjirri Kaampaalaa keessa jiru Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa bara 2006,haala mirga namoomaa naannoolee waldhabdeen miidhaman kan biyyatti kaabaa fi baha irratti xiyyeeffachuuf kan hundeeffame yoo ta’u boodarra garuu gara biyyattii hafeetti babal’ateera.

Guraandha 9 darbee kana, aangoon waajjira mirga namoomaa Tokkummaa Mootummootaa waliigalaan kan xumuramee yoo tau, kunis Uugaandaan yeroo dhumaaf ehama eega haaromsitee waggaa sadii booda.

Xalayaan mootummaa Guraandhala 3 baasee akka jedhutti,Uugaandaan ehama kana hin haaromsitu sababni isaas nageenyi babal’ate waan jiruuf, biyyattiin dhaabbilee mirga namoomaa ciccimoo fi waldaa siivikii mirga namoomaa hordofuu, guddisuu fi eeguu danda’u waan qabduuf jedha.

Garuu gareewwan mirga namoomaa murtee kana mormaa jiru.

Mootummaan Yugaandaa waajjirri Kaampaalaa keessaa kun cufamus, karaa waajjira muummee isaanii ykn ergama dhaabbataa isaanii Jenevaa keessatti argamuun, qondaaltota mirga namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaawaliin wal ta’iinsaisaa akka itti fufu dubbata.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG