Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maraatoonii Dubaayirratti Atileettonni Itiyoophiyaa 1ffaa Hanga 10ffaatti Injifatan 


Maraatoonii Dubaayirratti Atileettonni Itiyoophiyaa 1ffaa Hanga 10ffaatti Injifatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:55 0:00

Dorgomii Maaraatoonii Dubaayi Dilbata geggeessame irratti atileetoonni Itiyoophiyaa dhiraa fi dubartiin saddarkaa 1ffaa hanga 10ffaatti bahuun injifataniiru. Maraatonni jalaqabaa isaa kan figee Abdiisaa Tolaa dhiraan akkasumas Darraa Diidhaa dubartootaan dorgommicha mo’achun injifannoo galmeessaniiru. Abdiisaan obboleessa Shaampiyoona atileetiksii adduyaa Tamirat Tolaa yoo tahu Darraa Diidhaa immoo Haadha warraa Taammiraati.

Dorgoomii maraatooni kana irratti kan hirmaatee Galate Burqaan kiloomitira 27 eega fiigdee booda midhamaatee keessaa baate. Dorgommiin maraatooni baranaa bu’aa bahii waan baayyateef sa’atin eeggame akka hin galmaa’iin Leenjjisaa Gammadoo Daddafoo akkasumas Atileet Galatee Burqaa Sagalee Ameerikaaf bilbilaan himanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG