Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiloonni Sadarkaa Ol’aanaa Mootummaa Yunaayitid Isteetis Finfinnee Seenanii Jiran 


FAAYILII - Daayreektarri ergama USAID, Shaan Joons talaallii Faayzer Finfinnee seenee biratti, Finfinnee, Amajjii 24, 2022.
FAAYILII - Daayreektarri ergama USAID, Shaan Joons talaallii Faayzer Finfinnee seenee biratti, Finfinnee, Amajjii 24, 2022.

Jiloonni mootummaa Yunaayitid Isteetis kan sadarkaa ol aanaa dhimmootii wabii nyaataa akkasumas kan fayyaa ilaalchisee angawoota mootummaa waliin mari’achuuf Finfinnee seenanii jiru.

Rakkoon wabii nyaataa addunyaa mudatee Afriikaa irra dhiibbaa gita hin qabne geessisuu isaa ilaalchisee illee kan mari’atan ta’uun beekamee jira. Kan yeroo ammaa geggeessamaa jiru Gumii gamta Afriikaa cinatti kan geggeessamu daawwannaan jiloota Yunaayitid Isteetis kun cicha Yunaayitid Isteetis wabii nyaataa babal’isuuf qabdu irrattis kan mari’atan ta’uun gabaasamee jira.

Ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetisitti jilli addaa dhimmootii wabii nyaataa addunyaa Dr. Keerii Foowler, itti aanaa ministrii dhimma alaa kan dhimmootii Afriikaa Moolii Fii, Bakka bu’aa addaa kan raawwii gumii Yunaayitid Isteeetyisii fi Afriikaa Ambaasaadder Joonii Kaarsen, Waajjira Afriikaatti itti aanaa bulchaa USAID Mondee Muyaangwaa, USAID-tti itti aanaa eeggataa bulchaa waajjira ittisa balaa fi wabii nyaataa Diinaa Ospoosiitoo fi jila addaa Ameeriikaa kan qindeessa dhimmootii AIDS fi dipolomaasummaa dhimmootii fayyaa Joon Nkengaasoong Guraandhala 14-19tti gumii gamtaa Afriikaa cinatti angawoota mootummaa waliin mari’achuuf Finfinneetti argamu.

Gareen jiloota Yunaayitid Isteetis kun qaamotii dhimmi ilaallatu waliin wal arguu dhaan rakkoo wabii nyaataa addunyaa mudatee fi Afriikaa irratti immoo dhiibbaa gita hin qabne inni geessise akkasumas gumii hoogganoota Yunaayitid Isteetisii fi Ameerikaa irratti waadaa seename ture ilaalchiisee mari’achuuf jiru.

Jiloonni Yunaayitid Isteetis kun cicha Yunaaytid Isteetis wabii nyaataa dagaagsuuf qabdu ni cimsu akkasumas karaa mootummaa Ameerikaa kan hojjetamu kaka’umsa “Feed the Future” jedhuu fi hojii itti aanee jiru beeksisuu dhaan oomishaawwan qonnaa jijjiirama qilleensaa dandammatanii fi fayyummaa biyyoo dhimmootii ilaallatan irratti mari’achuuf akka jiran gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG