Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoottan Baha Afrikaa Wayitii Jahaffaadhaaf Rooba gahaa akka hin arganne ibsame


Ganda Erbiit, Itoophiyaa, Waxabajjii 09, 2022.
Ganda Erbiit, Itoophiyaa, Waxabajjii 09, 2022.

Keniiyaa, Itiyoophiyaa, Somaaliyaa fi Yugaandaa dabalatee biyyoottan baha Afrikaa keessatti waqitiiwwan walti aanan Jahaaf roobnii gahaan akka hin jirre wiirtuun Tilmaamaa fi hojii irraa oolumaa kan IGAD ibsee jira.

Akka wiirtuun qormaata haala qilleensaa kun jedhetti, biyyoottan Afrikaa Bahaa kun Ji’oottan sadan dhufanuuf roobnii isaan argachuu danda’an kan idileetii gadii ti.

Inistiitiyuutiin Raaga haala qileensaa Itiyoophiyaa gama isaatiin, tilmaamnii wiirtuun qoranno IGAD gamaaggama Inistiitiyuutiin biyyaaleessaa taasiseen kan walfakaatu ta’uu isaa akka ibse Addis Chekkol gabaaseera.

Akka wiirtuun qorannoo IGAD ibsetti, jiraattonni Somaaliyaa, Itiyoophiyaa fi Keeniyaa miiliyoonii 23 ta’an hanqina midhaan nyaataaf saaxilamaniiru. Gabaasaan Roobii kaleessaa bahe kun akka dabalee ibsetti biyyoottan Afrikaa Bahaa hanqina roobaatiin hubaman kana keessatti beelladoonii miiliyoonii 11 ta’an du’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG