Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caama Boorana Mudateef Birmannan Itti Fufee Jira


Buufata namoonni sababa ongeetiin buqahan keessa jiran, Yaabeelo, Boorana, Guraandhala 28, 2023
Buufata namoonni sababa ongeetiin buqahan keessa jiran, Yaabeelo, Boorana, Guraandhala 28, 2023

Godiinni Booranaa caama cimaa waggoota kurna-afur keessatti mudaten rakkachaa yeroo jiru kanatti, namoonni dhuunfaa, waldaaleen akkasumas dhaabbileen gargaarsa namoomaa, sochii namoota miidhamaniif gargaarsa dhaqqabsisuu irratti bobba’anii jiru.

Hangii tokko duula gargaarsa funaanuu waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa irratti kan jalqaban yoo ta'u, kaan ammoo karaa akkaawuntii GoFundMe maallaqa walitti qabuu jalqaban.

Waldaan Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa, garee dargaggoota "Guzoo Adwaa" jedhaman waliin ta’uun, Magaalaa Finfinnee lafa Waajjira haadhoon Waldichaa jiru keessatti maallaqa walitti qabuu fi deeggarsa gosa adda addaa walitti qabaa jiru.

Gama biraan Jaarmayaan Godaantoota Addunyaa (IOM) naannolee Ityoophiyaa kanneen hongeen miidhaman keessatt, duutii beeyladaalee haala nama rifaasisuun mudateera jedhe.

Dhuma bara 2021 irraa eegalee miiliyoona 4.5 ol kan du’an yoo ta’u, beeleedaaleen qaamii isaanii dhumee fi laafan miiliyoona 30ni dabalataan balaadhaaf saaxilamuu ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG