Xurree ittiin seenan

Breaking News

OLLAAn Ajjeechaa Gujiitti Raaw’atame Jedhe Ilaalchisee Qorannaan Akka Geggeessamu Gaafate  


Dhaabbanni hawaasa Oromoo “OLLAA” jedhamee beekamu tarkanfiin humnoottan mootummaa Ityoophiyaa mormitootaa Godina Gujii irratti tibbana fudhatani fi guutummaa ityoophiyaatti sarbiinsa mirga namoomaa irratti raawwatamaa jiruu irratti qorannoon walaba ta’e akka taasifamu hawaasaa adduunyaaf waamicha dhihessee jira.

OLLAAn ajjeechaa godina Gujii keessatti raawwate ilaalchisee ibsa kaleessa baaseen, godina haaraa “ Boorana bahaa” jedhamu hundeesuudhaaf labsii mootumaan naannoo Oromiyaa torban darbee baasee mormuudhaan kan hiriira bahan jiraattotaa godina Gujii irratti umnoottan mootummaa tarkaanfii jabaa fudhachuu isaaniitin kan ka’ee, lubbuun namootaa darbee, kaan mada’aanii kaan mimoo hidhamuu isaanii ibseera.

Odeeffannoo jeraattonni gabaastotaaf kennan waabeffachuudhaan akka OLLAAn ibsetti, Aanaa Booree kessatti namoottan Afur rasasaan rukutamani namoonii Sadii du’aniiru. Aanaa Adoolaa Waayyoo keessatti immoo nammi tokkoo reebichaa poolisootaatiin kan ke’e miidhamuudhaan mana yaalaa seenuu isaanii akka odeeffannoo qabu OLLAAn ibseera.

Mormiin walfakkaataa godina Baalee keessatti taasifamuu isaa akka quba qabu kan eere ibsi OLLAA kun ,namoottan du’ani fi madaa’aniin alatti hedduun hidhamuu isaanii akka odeeffannoo qabu dabalee himeera. Akkaataa seeraa adduunyaa irratti fudhatama qabuun lammileen walgahii naga qabeesaa taasisuuf akka mirga qaban kan yaadachiisee ibsii kun, umnoottan mootummaa dirqama seeraa kabachiisuu qaban, tarkaanfiin fudhatan qajeelfamaa akka waliigalatti fudhatama qabu irratti hundaa’u akka qabu eeree, tarkaanfiin tibbanaa umnoottan mootummaatin jiraattotaa gujii irratii fudhatame qama walabaa ta’een qorannoon atattamaa akka irratti taasisamu waamicha dhiheseera.

Mootummaan naanoo Oromiyaa, Guraandhala 27 bara 2023 ibsa kenneen bulchiinsa godinaalee booranaa, Gujii fi Baalee irraa kutuudhaan godinaa haaraa aanalee 10 of keessaa qabu “ Godinaa Boorana Bahaa” umuuf akka deemu beeksisu isaa fi labsicha irratti mormiin ka’uun isaa gabaasamuun ni yaadama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG