Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsaawaan Gameessi Hoogganaa ABO Turan Obbo Damisee Kabbadaa Sardaa Du’aan Boqotan


Obbo Damissee Kabbadaa, Qabsaawaa Mirga Uummata Oromoo Gameessa (Suuraa maatii obboo Damissee irraa argame)
Obbo Damissee Kabbadaa, Qabsaawaa Mirga Uummata Oromoo Gameessa (Suuraa maatii obboo Damissee irraa argame)

Qabsaawaan mirga uummata Oromoo gameessii fi sochii Adda Bilisummaa Oromoo keessatti sadarkaa hoogganaa irra kan turan – Obbo Damisee Kabbadaa Sardaa Bitootessa 3, bara 2023, biyya Kanaadaa, magaalaa Torontoo keessatti du’aan boqotan.

Yeroo mootummaa Dargii, waggoota kudha lamaaf mana hidhaa ka turan, Obbo Damiseen bara 1991 yeroo mootummichi kufee, ABOn mootummaa cehumsaa biyyattiitti hirmaatee ture, dhaabicha keessatti dirqama fudhatanii sadarkaa hoogganaatti hojjetaa turan.

Yeroo ABOn mootummicha keessaa bahu immoo, gara Kanaadaatti godaananii waggoota hedduudhaan achi jiraatan, Obbo Damiseen. Bafiqaaduu Morodaa, maatii isaanii, jaallan isaanii qabsoo fi hooggana Waldaa Hawaasaa Torontoo keessaa waa'ee Obbo Damisee dubbisee jira.

Hoogganaa ABO ka Turanii fi Qabsaawaan Gameessi Obbo Damisee Kabbadaa Sardaa Du’aan Boqotan
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:24 0:00

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG