Xurree ittiin seenan

Breaking News

HRW: Mariin Ameerikaa fi Itiyoophiyaa Gidduutti Taasisamu Dhimma Mirga Namoomaa Biyyattii  Keessatti Raaw'atameef Xiyyeeffannaa Kennuu Qaba


Dhaabbaanni idilee adduunyaatti mirgaa namoomaatiif falamu Hiyumaan Raayits Waachi, ministirri dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets yemmuu daawaanaa Ityoophiyaatti taasisan i marii Muumichaa minitiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmadii wajjin qaban irratti itti gaafatamuumaa dhumiinsaa biyyatii keessatti raawwatee akka wiirtuu marii isaanii taasisan gaafatee jira.

Mariin Yunaayitid Isteets fi Itiyoophiyaan taasisan sarbiinsaa mirga namoomaa gareewwan wal waraansa keessa turan hundaan raawwatamee irratti akka xiyyeefachuu qabu kan gaafate HRWf Daarecteeraa biiroo Waashingten kan ta’an Saaraa Yaageer ibsa kennanii, waggaaottan lamman darbaniif Tigraay fi naannoowwan biroo keessatti dhumiinsaa raawwatee fi sarbiinsa miragaa namoomaa ammas raawwachaa jiru Yunaayitid Isteets quba qabdi jedhaniiru.

Ibsi HRW, daawanaan Biliinken gareewwan walwaraansa keessa turan, yakka raawwataniif itti gaafatamumaa akka qaban hubachiisuudhaaf carraa gariidhaa jedheera. Walitii dhufeenyi Yunaayitid Isteets fi Ityoophiyaa gidduu jiru itti gaafatamummaa dhugaa irratti kan hundaa’e ta’uu isaa Biliinken Muumichaa ministiraa Abiy Ahimadif ifa taasisuu qabu kan jedhe ibsi WRW, haqa malee maraan marytoon hokkoraa fi yaaliin itti gaafatamumaa jalaa miliquu, sochii kabajama mirgaa namoomaa Itiyoophiyaa keessatti mirkaneesuuf taasifamu tuffachuudhaa jechuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG