Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Itiyoophiyaa Kaabaatti Dabalata Haallii Oromiyaa Keessaa Akka Isaan Yaaddeessu Antonii Bliinken Dubbatan


Miiniseera haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken fi Muummicha ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Bitootessa 15, bara 2023
Miiniseera haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken fi Muummicha ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Bitootessa 15, bara 2023

Ministeerri haajaa alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bliinken mummicha ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad waliin har’a kan wal argan yoo ta’u wal waraansa Itiyoophiyaa Kaabaa keesstti gam lameen hirmaachiseen gocha sukaneessaan gaggeeffamaniif itti gaafatamnii jiraachuun barbaachisaa ta’uu dubbachuu isaanii ministeerri haajaa alaa Amerikaa ibsa baaseen hubachisee jira.

Hogganoonni lameen ce’uumsii heeraa kan hunda hirmaachisee jiraachuu akka qabu mari’achuun isaanii ibsamee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa Amerikaa irraa argataa kan ture gargaarsi dinagdee fi kanneen biroo akka deebi’ee kennaman gochuuf qophii ta’uus , mootummaan yeroo wal waraansa sanaa dhiittaa mirga namoomaa bal’aa gama lameeniin rawwatame attamitti furuu akka danda’u ilaalchisee yaaddootu jira.

Itiyoophiyaa Kaabaatti dabalata haallii Oromiyaa keessa jiru kan isaan yaaddeesse ta’uu kan ibsan Bliinken, rakkoo jiru mariin furuun barbaachisaa ta’uu jabeessanii dubbachuu isaanii dubbi himaan ministrii haajaa alaa kan Yunaaytid Isteetis Need Praayis ibsa isaanii irratti hubachiisan.

Mariin hogganoota lameen giddutti har’a gaggeeffame adda durummaan wal waraansi Itiyoophiyaa kaabaa dhaabachu hordoofee waliigaltee walitti bu’iinsa dhaabuuf tolfame hojii irra oluu isaa ilaalchisee foyya’iinsa olaanaa argame irratti fulleeffachuu isaa kan ibsan Need Praayis, foyya’iinsi argame kunis dhiyeessii gargaarsa namoomaa fi tajaajiila bu’uraa deebisanii dhaabuu akka of keessaa qabu ibsanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG