Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Chaayinaa 9 Ripaabliika Afrikaa Waaltaa Keessatti Ajjeefaman


Qondaalli naannoo kan Rippaabiliika Afrikaa waaltaa akka jedhanitti lammiileen Chaayinaa sagal haleellaa bakka warqeen itti baafamu irratti raawwatameen ajjeefamaniiru.

Haleellaan Dilbata kaleessaa naannoo magaalaa Bambarii bakka albuudaaa qotan Chimbolotti gaggeeffame. Kantiibaan magaalaa Bambarii naannoo sana jiran akka jedhanitti, namoonni qawwee hidhatan naannoo sa'aatii 5 lafa laftii bari’uuf deemuutti, haleellaa raawwatanii eegdota tikaa iddoo sanaa turan humna caalan.

Balaa kanaaf battalumatti Itti gaafatamummaa kan fudhate hin jiru.Shakkiin garuu Tumsa Sabboontota Jijjiirama kan naannoo sanatti socho'u irra jira.Dubbii himaan gareen kanaa immo haleellaa kanaaf looltoota Raashaa bitamanii loolan komatan.

Gareen Waagnar jedhaman kan Raashaa kaampaanilee Chaayinaa naannoo sana jiran sodaachisuuf yaalan jechuun kan himatan yoo ta’u garu, kanaafis ragaan dhiyeessan hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG