Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yakkawwan Waraanaa, Farra namoomaa fi Duguuginsa Sanyii Itiyoophiyaa Keessatti Raaw’ataman: Ibsa Ministara Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis


Ministara Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Bilinken.  
Ministara Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Bilinken.  

“Itiyoophiyaan wal-waraana kaaba biyyattii waggoota lamaaf geggeessame kan gareeleen itti hirmaatan marti miidhaalee itti raaw’atan keessaa bahaa jirti. Waliigaltee lola dhaabinsaa Sadaasa 2, bara 2022 mallatteessameen, waraansi dhaabatee jira. Miidhaaleen mirga namoomaa Kaaba Itiyoophiyaa keessatti geggeessamu suuta-duutaan xiqqaataa jira. Loltoonni Ertiraa gad-lakkisanii bahaa jiran. Mootummaan Itiyoophiyaa gara murtii-haqaa cehumsaatti tarkaanfii duraa fudhataa jira. Tahus garuu, gidiraan siiviloota Itiyoophiyaa gama Kaabaa irratti raaw’atame beekkannaa argachuu qaba, jedhan, Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Bilinken.

“Seerawwanii if ragaalee qabatamoo eegan xiinxalee booda, miseensonni Humnoota Raayyaa Ittisa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, kan Humnoota Ittisaa Ertiaa, kan Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay fi humnoonni Amaaraa, yeroo lolli Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti geggeessametti, yakka waraanaa akka raaw’atan hubadheen jiran,” kan jedhan, Antonii Bilinken, itti fufuudhaanis, “miseensonni Humnoota Raayyaa Ittisa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, kan Humnoota Ittisaa Ertiaa fi humnoonni Amaaraa, humnaan gudeeddii, hookkara quunnamti-saalaa ka biroo fi hiraasa dabalatee yakkawwan farra namoomaa raaw’atanii jiran. Kana malees miseensonni humnoota Amaaraa Tigiraay Lixaa keessatti hunaan buqqisuu yokaan godaansisuu fi gochaan fixinsa sanyii raaw’atanii jiran,” jedhan.

Miidhaalee gareelee hundaan raaw’atan sirnaan amananii beekkannaa kennuun, nageenya wariinsa qabu fiduuuf tarkaanfii barbaachisaa akka tahe kan hubachiisan, Antonii Bilinken, “kanneen sadarkaa hoogganaa irra jiran dabalatee qaaonni gochaalee kana raaw’atan yakkawwan raaw’atamaniif itti gaafatamuu qaban,” jedhan.

“Qaamoleen waliigaltee lola dhaabinsaa mallatteessan miidhaalee raaw’ataman sanaa fi dafoo hamaa miidhaalee sanaan dhufaniif beekkannaa kennuuf cichuu isaanii ni simanna. Qaamoleen waliigaltee sanatti hirmaattan wanneen waliif waadaa seentan hojii irra oolchuu akka itti fuftan fi deemsa murtii-haqaa cehumsaa amanamaa, hunda hirmaachisuu fi hunda-galeessa hojii irra oolchan jajjabeessinas,” jedhanii jiru.

Kana malees mootummaan Ertiraa murtii-haqaa walii-galaa akka mirkaneessuu fi miidhaalee Itiyoophiyaa keessatti raaw’ataniif kanneen itti gaafatamoo tahan akka murtii haqaa walii-galaa fi itti gaafatamummaa fudhatan akka mirkaneessu gaafatan, Bilinken.

Tarkaanfiileen kun jechuun, beekkannaa kennuun, itti-gaafamummaa mirkaneessuu fi araarri marsaa hookkara sab-lammii fi siyaasaa Itiyoophiyaa hidhee jiruu fi yeroo dheeraadhaaf akka isheen bakka dandeettii ishee daangaa hin qabne hin geenye dhorke cabsuuf ijoo dha, jedhan.

“Hanga Itiyoophiyaan dantaa warra daafamanii fi hawaasaalee miidhaman hundaatiif jedha deemsa murtii-haqaa cehumsaa amanamaa hojii irra oolchuu itti fuftetti Yunaayitid Isteetis Itiyoophiyaa wajjiin waahilummaan hojjetti. Hanga Itiyoophiyaan miidhaalee dabran dhugaan ilaaltetti, miidhaalee lammiwwan ishee irratti raaw’ataniif itti-gaafatamtoota dhiheesitettii fi gara nageenya waaraatti fuul-dura tarkaanfattetti nutis waliin dhaabanna,” jedhuudhaan Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Bilinken ibsa isaanii xumuran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG