Tigraay keessatti walwaraansaa waggoottan lamaaf raawatamee keessatti yakki waraanaa fi yakkii farraa namoomaa raawwateera jechuudhaan ibsii Yunaayitid Isteets irra kennamee waan abidda dubbii qabsiisuudhaa jechuun mootummaan Itiyoophiyaa mormii isaa dhihessee jira.
Ministeerri dhimmaa alaa Itiyoophiyaa ibsa kibxata har’aa baaseen himannaan Yunaayitid Isteet irraa dhihaatee waan qoodinsa qabuu fi waan dubii hammeesuu danda’u akka ta’e ibsuu isaa kan eere gabaasinni AFP komiin Yunaayitid dhiyeessite gareewwan walwaraanaa turan gidduutti loogii komii haqa qabeesaa hintaaneedhaa jechuu isaa ibsee jira.
Sarbiinsaa mirga namoomaa irratti, dirqiidhaan gudeeddi fi yakka hokkoraa saalaa raawatamuu isaatiif ittu ragaan gahaan jiruu, garee tokkoo himannaa keessaa baasuun komii haqa qabeessaa akka hin taanee mootummaan Ityoophiyaa ibsuu isaa gabaasni AFP dabalee beeksiseera.
Waraansa Waggoota Lamaaf Kaaba Itiyoophiyaatti Deemsisame Keessatti Gareeleen Martinuu Yakka-Waraanaa Raaw'atan: Yunaayitid Isteetis
Walwaraansaa Waggoottan lamaaf kaaba Ityoopiyaa keessatti taasifamaa tureen, loltoonni mootummaa Itiyoophiyaa fi mootummaa Eeritiraa akkasumas, gareewwan hidhootaa yakka waraanaa raawwachuu isanii Yunaayitid Isteets akka mirkaaneesite ibsameeraa.
Ministrri dhimmaa alaa yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken erga Ityoophiyaa daawwatanii deebi’anii boodaa , yakkaawwan raawwataman caalaan isaanii akka tasaa ykn akka haalaa adeemsaa waraanaa kamiinu keessatti raawatamuun ituu hinta’in itti yaadamaee , haa ta’u jedhamee kan raawwatamee ta’u isaa wixata kaleessaa akka dubbatan Ajaans Fraan Prees/AFPn gabaaseera.
Ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteets qorannoo seeraa fi dhugaa of eeggannoodhaan taasisuu isaa kan himan Biliinken , yakki waraanaa umnoottan mootummaa Ityoophiyaatiin, loltoota Eertiraatiin, loltootaa ABUT fi hidhattootaa naannoo Amaaraatin raawwatamuun isaa akka irra gahame ibsaniiru.
Biliinken itti dabaluudhaan, ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteets yakkii farraa namoomaa, umnoottan mootummaa Ityoophiyaa fi mootummaa Eertiraatiin akkasumas, umnoottan naannoo Amaaraatin raawwatamuu isaa mirkaneeffachuu isaa kan ibsan yemmuu ta’u, yakka kana keessa garuu ABUT akka hin daballle beekameera.
Mootummaan Ityoophiyaa , mootummaan Eertiraa fi ABUT namoottan gochaa hameenyaa kanaaf itti gaafatamoo ta’an akka itti gaafatamumaatti dhiheessuu qaban Biliinken ibsuun isaanii gabassameera.
Biliinken yemuu daawannaa isaanii Muumicha ministiraa Abiy Ahimedi fi bakka bu’aa ABUT Geetachoo Raddaa wajjin maryatan waa’ee itti gaafatamummaa irrti dubachuu isaanii kan ibse gabaasni AFP, yemuu daawwanna irra turan sana waa’ee yakka waraanaa fi yakka farraa namoomaa akka hin kaafne ibseera.
Yunaayitid Isteets walwaraansa waggoottan lamaaf taasifamee keessatti lubbuun namoottan kuma 500 darbuu isaa tilmaamuun, dhumiinsichii jaaraa 21 ffaa keessa, isa hamaa akka ta’e ibsuun ishee gabaasameera.
Forum