Miseensota paarlaamaa Itoophiyaa 547 keessaa harki caalaan TPLF tarree shororkeessummaa keessaa baasuuf sagalee kan kennan yoo ta’u, mormii 61, sagalee calliinsaa 5n raggaasisuu isaanii sabaah imaan mootummaa ibsee jira.
ABUT’n yokaan TPLF Caamsaa bara 2012 mana maree kanaan tarree shororkeessummaatti dabalame. Angawaa gameessi ABUT Kindeyyaa Gebrehiiwet madda oduu Asoosheetid Preesiif akka himanitti, toora kana keessaa baafamuun, waliigaltee nagaa fuulduratti tarkaanfachiisuuf tarkaanfii baay'ee gaarii ta'a jedhan.
Itiyoophiyaan ABTn waldhabdee kana kan eegale, maadhee waraanaa naannoo Tigraay haleeluun jechuun yoo himatu, ABUT immoo mootummaan federaalaa dursa isa rukutuuf qophaa’uu isaa himate.
Waliigaltene nagaa baatii Sadaasaa keessa mallattaa’e kun tajaajila komunikeeshinii, baankii fi tajaajilli bu’uuraa biroo naannoo Tigraayi irraa kan ummata miliyoona 5 ol ta’u irraa cite akka bakkatti deebi’u taasiseera. Itiyoophiyaan amma labsii deebisanii ijaaruu waldhabdee boodaa ka doolaara biiliyoona 20tu ishee eeggata.
Jalqaba torbee kanaa Ameerikaan waldhabdee kana keessatti gama hundaan yakki waraanaa fi yakka farra namoomaa raawwachuu isaanii murteessuu ishee ibsiteetti. Ministeerri haajaa alaa Itoophiyaa immoo ibsa kenneen ibsi Yunaayitid Isteetis kan dubbii kakaasu jechuun qeeqe.
Forum