Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi-Ministaraa Itiyoophiyaa Hoogganaa Bulchiisa Tigiraay Ka Yeeroofii Muudan  


FAAYILII- Angawaa Gameessa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay itti gaafatamaa mootummaa yeroo ka naannoo Tigraay ta'uun filaman, Obboo Geetachoo Radaa, marii araaraa Gamtaa Afrikaatiin hogganame irratti ibsa yeroo kennan, Pritooriyaa, Afrikaa Kibbaa,Sadaasa 2, 2022.

Mootummaan Itiyoophiyaa walii galteen nagaa wal-dhabdee suukaneessaa waggoota lamaaf ture erga xumuraan ga’ee booda, angawaa gameessa ABUT itti gaafatamaa mootummaa yeroo ka naannoo Tigraay gochuun muuduu isaa Kamisa har’aa ibseera.

Waajjirri muummicha ministeeraa Abiy Ahimed ibsa tiwiitara irratti barreesseen, "Muummichi ministeeraa Abiy Geetachoo Radaa pireezidaantii bulchiinsa yeroo ka naannoo Tigraay gochuun muudeera" jedhee jira.

Beeksisi kun kan dhaga’ame, baatii Sadaasa bara 2022 finciltootaa fi mootummaa federaalaa gidduutti kan irra ga’ame walii galtee nagaa ni cimsa jechuu dhaan paarlaamaan tarkaanfii fudhateen, ABUTn tarree dhaaba shororkeessotaa keessaa erga baasee guyyaa tokko booda. Yeroo tokko siyaasa Itiyoophiyaa dhuunfatee kan ture ABUT waraanni naannoo Tigraay eegalee baatii ja’a booda bara 2021 shororkeessaa ta’uun moggaafame. Gorsaa hoogganaa ABUT kan Debretsiyoon kan turan obbo Geetaachoon bara 2012 hanga bara 2018tti yeroo muummichi ministeeraa duraanii Hayilemaariyaam Dessaaleny aangoo irra turan ministrii kominikeeshinii mootummaa federaalaa ta’uun tajaajilaniiru.

Paartileen mormituu Tigraay faallaa walii galtee Piritooriyaatti irra gaa’amee, paartilee polotiikaa fi qaamotii dhimmi ilaallatu ka biroo kan moggaatti qoode jechuu dhaan adeemsa hundeessuu bulchiinsa yeroo kan naannoo Tigraay qeeqaa jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG