Walitti bu’iinsi haaraan finciltoota M23 fi humnoota mootummaa gidduutti Roobii har’aa giddu gala daldalaa kan taateef baha Ripablikii dimoktaatawaa koonogootti kan argaamtu Gomaa alatti raawwatameera. Maddi oduu AFP har’a ganama akka gabaasetti, namoonni hidhattota sabboontota Koongoo ofiin naannoo magaalaa guddoo bulchiinsa Kaaba Kiivuu irraa gara kaabaatti kiilo meetira 20 fagaattee bakka argamtu Kibumbaai keessatti finciltootaTutsii irratti haleellaa oofee jira.
Hogganaan M23 tokko tiwiitara isaa irratti barreessuu dhaan haleellaa kana duuba tumsa mootummaa Kinshaasatu jira jedhee jira.
M23 Kibumbaa irraa akka bahu beeksisee ture garuu gaarreen naannoo sana keessa jira. keessa jira. Waraanni Koongookun mala tooftaa jijjiiruu ti jedhus,finciltoonni kun naannoolee biroo qabatan gadhiisaniiru.
Forum