Xurree ittiin seenan

Breaking News

Furmaati Karaa Nagaa Akka Argamuuf Uummati Ga’ee Isaa Ba’uu Qaba: Bulchaa Naannoo Amaaraa


Magaala Baahir Daar (Suuraa faayilii)
Magaala Baahir Daar (Suuraa faayilii)

Bulchaan naannoo Amaaraa obbo Yilkal Kafalee uummatichi murtee mootummaan humnoota addaa naannolee diiguu fi caasaa nageenyaa birootti makamuuf murteesseen walqabatee rakkoolee nageenyaa furuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti ummanni gumaacha akka godhu gaafataniiru.

Itti dabaluunis miseensonni humna addaa Amaaraa tokko tokko murtee mootummaa mormuun kaampii isaanii gadhiisanii ba’an akka deebi'aniif ummannis nagaan akka bu’u tattaaffii deeggarsaa gochuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru. Bulchaan kun itti dabaluu dhaan jaarsoliin naannichaa fi abbootiin amantaa nagaa buusuuf itti fufiinsaan carraaqqii taasisaa jiraniif illee galateeffataniiru.

Gama biraatiin dhiironnii fi dubartoonni kumaan laka’aman Walloo kaabaa magaalaa Qobboo keessatti hiriira nagaa geggeessame irratti hirmaataniiru. Hookkarri dhaabatee adda addummaan waraana biyyoolessaa fi garee idilee hin taane kan Fannoo jedhamu gidduu karaa nagaan akka hiika argatu gaafataniiru.

Gama kaaniin Jarmayaan qindeessa gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa OCHAn ajjeechaa dhiyeenya naannoo Amaaraa keessatti hojjettoota gargaarsaa irratti raawwatame balaaleffateera.

Hawaasi gargaarsa namoomaa Itiyoophiyaa keessaas jalqaba torban kanaa ajjeechaa hojjettoota isaa gargaarsaa lama irratti naannoo Amaaraa keessatti raawwatame mormuu isaanii jaarmiyichi tokkummaa mootummootaa itti dabaluun ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG