Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Saba Qimaant Mootummaan Naannoo Amaaraa Namoota Isaanii Mana Hidhaa Tursiisuu Balaaleffatan   


Naannoo Amaaraa
Naannoo Amaaraa

Miseensonii hawaasaa qimaatii mootummaan naannoo Amaaraa lamiilee hawaasichaa man hidhaa keesaa tursiisuu isaa ballaaleffatee jiraa.

Miseensonii koree Qindeessaa himannaa Sabummaa qimaant, Eenyumaa fi ofiin of bulchuu isaa Kanaan duraa diigamee turee akka jedhanitti, waldhabdee kaabaa fi walakeessaa godinalee Gondor keessaa jiruu hiikuudhaaf waliigaltee nageenyaa irra gahamus Mootummaan naannoo Amaaraa ammayyuu miseensota saba qimaant 127 hidhee akka jiru ibsaaniiru.

Akka miseensonii hawaasa qimaant jedhanitti mootummaan naannoo Amaaraa namootaan wagga darbee jireenyaa nagaa jiraachuudhaaf ofii isaaniitii deebi’an irratti himannaa Shororkeessumaa dhiheesuun isaa waan fudhatama qabuu miti.

Dhimmaa kana irratti kan VOA dhaaf ibsa kennan hogganaan Biiroo nageenyaa fi tasgabbi bulchiinsaa Naannoo Amaaraa oboo Dasaaleeny Xaaseewu namoottan sun yakkaawan cimoodhaan kan shakkamaniidhaa jechuu isaanii Asteer Misgaanaawu Baahirdaar irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG