Xurree ittiin seenan

Breaking News

Affaar Keessatti Ajjechaa Nama Tokkoo fi Madaa’uu Nama Lmaaf Angawoonni "Shanee" Jechuun Himatan, WBOn Ammoo Dhara Jedha 


FAAYILII-Milishoota Afaar Abalaa keessatti naannoo Afaar, Waxabajjii 08, 2022.
FAAYILII-Milishoota Afaar Abalaa keessatti naannoo Afaar, Waxabajjii 08, 2022.

Loltoonni waraannii Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhee waamu jalqaba torbee kanaa irra bulchiinsa naannoo Affaar, handaara magaalaa Awaashitti dhukaasa banuun nama tokko ajjeesuu fi lama madeessuu qondaaltonni naannoo sanaa ibsanii jiru.

Obbo Nuruu Elemaa itti gaafatamaan Waajjira Milishaa Magaalaa Awaash Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti akka himanitti, humni hidhatee naannoo sana keessa sosso’uu shanee qofa jedhan. Waraanni Bilbisummaa Oromo (WBO) haleellaa wal fakkaataa naannoo sanatti bara dabree raawwatee jedhameen himatamee ture.

Duii himaann WBO kan Idila Addunyaa Obbo Odaa Tarbii himata kanaaf deebii kennaniin, naannoo Afaar keessa hin jirru jedhan.Himatii kunis dhara jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG