Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Nagaa Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti Taanzaaniyaatti Itti Fufee Jira


FAAYILII - Magaala Finfinnee, Sadaasa 3, 2021.
FAAYILII - Magaala Finfinnee, Sadaasa 3, 2021.

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa fi irraa dhufan Waraannii Bilisummaa Oromoo Kibxata kaleessaa odola Taanzaaniyaa kan Zaanzibaar keessatti, marii nagaa jalqabuu isaanii dubbi himaan WBO Odaa Tarbii himanii jiru.

Isaanis dhaabata oduu Asosheetid Preesiif akka himanitti, mariin Kibxata kaleessaa ganama kan eegale yoo ta’u, hanga Kamisaatti kan turu ta’a jedhamee eegama jedhan. Mariin ammaa kun, kan duraa fi marii bal’aa dhiyootti gaggeeffamuuf karaa banuuf yaadame ta’uu qulqulleessuun barbaada,” kan jedhan Odaan. Ammaaf xiyyeeffannaan, wal amantaa uumuu fi ejjennoo jiru qulqulleessuu akka ta’e ibsan.

Mariin torban kanaa Norweey fi Keeniyaan gaggeeffamaaa akka jiru kan Ibsan Obbo Odaan Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaa fi gareen IGAD jedhamuun beekamu yoo milkaa’an “qaama adeemsa gara fuulduraatti ta’u” jedhamee eegama jedhan.

Dubbi himaan mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa yaada akka kennaniif gaaffii dhiyaateef, deebii hin laannee. Gama kaaniin, IGAD mariin nagaa mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifamu yeroo kamiyyuu dhiyeenyatti akka eegalu ibseera.

Adeemsi marii eegaluuf jiru sadarkaa olaanaa irra jira jechuun dubbi himaan barreessaa olaanaa IGAD Nuur Mohamud Sheekh RSAtti himaniiru. Adeemsa kana irratti abbummaan biyya keessaa jira –kunis lammiwwan Itoophiyaa giddutti jedhan.

Mummichi Ministeeraa Abiy Ahimad, Dilbata darbe dhukaasa dhaabuu, ABUT fi Mootummaa Feedeeraala Itiyoophiyaa giddutti, baatii sadaasa keessa mallattaa’e, ilaalchisee sagantaa gaggeeffame irratti ture, WBO wajjinis mariin akka jalqabamuu kan labsan. Kana malees, dhuma baatii darbee paarlaamaa keessatti haasawa dhageesisanii turan irratti, ” WBO waliin marii jalqabuuf Koreen hundeeffamuu beeksisanii turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG