Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakka-bu’oonni Hawaasaalee Oromiyaa Daawwannaa fi Mariif Maqaleetti Imalan


FAAYILII - Magaala Maqalee, Tigraay, Amajji 5, 2020.
FAAYILII - Magaala Maqalee, Tigraay, Amajji 5, 2020.

Jilli Oromiyaa kanneen hawaasaalee bakka bu’anii 50 ol ta’an kibxata kaleessaa Maqalee magaalaa seenuun daawwaannaa gaggeessanii jiru.Abbootii Gadaa, hogganoota Amantii bakka bu’oota dargaggootaa fi Dubartootaa jilli of keessaa qabu kun, wal waraansa sana booda haala uummanni keessa jiru ilaaluuf akkasumas cina dhaabachuuf gara Maqalee dhufuu keessan gocha isin galateeffacgiisu jechuun, Bulchaan olaanaa kan Bulchiinsa yeroo Tigraay obbo Geetachoo Raddaa dubbatanii jiru.

Jilli kun, jiraattoota sababaa wal waraansaan godaanan akkasumas Dubartoota humnaan gudeedaman daawwatanii jiru. Bulchiinsi isaanii walitti dhufeenya uummata naannolee ollaa keessa jiran waliin jiru cimsuuf kan hojjatu ta’u , Bulchaan olaanaa kan Bulchiinsa yeroo Tigraay obbo Geetachoo Raddaa dubbatanii jiru.

Obbo Geetaachoon Kibxata kaleessaa Jila Abbootii Gadaa Oromoo (Abbaa Gadaas) fi abbootii amantaa magaalaa Maqalee seenan waliin marii gaggeessanii jiru. Jilli kun gargaarsa nyaataa konkolaattota fe'umsaa 26 arjoomuu isaa Mulugeetaa Atsebahaa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG