Barreessaan dureen Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Gutereez waldhabdeen Sundaan akka dhaabbatu gaafachuun hoggantoonni ''waldhabdee haala dhaabbataa ta’een dhaabbachuuf walitti dhufuu'' akka qaban gaafataniiru.
Hanga ammaatti jedhan, torban darbe dhukaasa dhaabiinsii gabaabaan walduraa duubaan raawwatamee jira, yookaan ifatti fashalaa’eera jedhanii, wal waraansa humnoota jeneraalota olaanoo biyyattii lamaan gidduutti Ebla 15 irraa eegalee ka’aa jiru keessatti, tasgabbii addaan citee qofa argamsisee jedhan.
Erga lolli kun jalqabee as, namoota nagaa fi qabsaa’ota dabalatee yoo xiqqaate namoonni 459 kan ajjeefaman yoo ta’u, 4,000 ol ammoo madaa’uu isaanii jaarmayaan Fayyaa addunyaa, Ministeera Fayyaa Sudaan wabeeffachuun beeksiseera. Isaan kana keessaa Kaartuum keessatti qofa lubbuun namoota 166 kan dabree yoo ta’u, 2,300 ol madaa’uu beeksisee jira.
Forum