Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Hoogganoota Naannoolee Itiyoophyaa Har’a Maqalee Daawwatan 


Jilli Hoogganoota Naannoolee Itiyoophiyaa Har’a Maqalee Daawwatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:35 0:00

Wal Waaraansa Kaaba Itiyoophiyaatti waggootan lama lakkoofsiiseen boodaa yeroo jalqabaaf Prizidaantiiwwan naannoolee Maqalee daawwatanii jiran. Jilli Itti aanaa Pirizidaantii Paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faraah’n durfamu kan Pirizidaantiiwwan naannoolee of keesstti qabate bulchiinsaa Naannoo Tigraay Maqaleetti daawwanna taasisaniiru.

u Yeroo Jilli kun Buufata xiyaaraa Alulaa Abbaa Naggaa Maqalee ga’uttis Pirizidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa Simannaa taasisaniiruuf. Hooggantoota Har’a Maqalee daawwatan keessatti Pirizidaantiiwwan Naannoo Amaaraa fi Affaris keessatti argamu.

Naannoo Tigraayitti bu’uuraalee Miisoomaa sababa waraan manca’an deebisaanii ijaaruuf kan oolu Birrii Biiliyoona Tokko mootummaan naannoo Oromiyaa akka deeggaru Obbo Shimallis Abdiisaa Pirizidaantiin Naannoo Oromiyaa Waadaa galaniiru. Prizidaantiin Nannoo Amaaraa Dr. Yiliqaal Kafaaleew gama isaaniin Naannnoo Amaaraa fi Tigraay gidduutti walitti bu’insa jiru karaa nagaa hiikuuf qophii ta’uu himuun, karaa Tigiraayiin hooggantootaa fi bakka bu’oonni uummataa Bahaardar akka daawwataniif waamicha dhiyyeessaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG