Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murteen Kootaa Gurgurtaa Jimaarra Kaa’ame Jireenya Isaanii Miidhuu  Qonnaan-bultoonnii fi Daldaltoonni Dubbatan


Murteen Kootaa Gurgurtaa Jimaarra Kaa’ame Jireenya Isaanii Miidhuu  Qonnaan-bultoonnii fi Daldaltoonni Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:34 0:00

Dhiyeenya kana murteen Ministeera Daldalaa fi Hidhamiinsa gabaatiin kootaan hamma Jimaa gurguramuu daldala jimaarra kaa’ame jireenya isaanii akka hube qonnaanbultoonni fi Daldaltoonni Jimaa Godinaalee harargee fi harar dubbatanii jiran. Jiraattonni kun keessumaa dhiyeenya kana mootummaan Jimaan seeraan ala biyyaa baha jira yaada jedhuun guyyaatti hamma Jimaa keessumaa gara naannoo Somaaleetti ergamu kan gad buuse ta’uu himanii kunis gabaa jimaa akkaan gad kuffisuu dubbatan.

Obbo Geetahun Nigaatuu hoogganaan Waajjira Qonnaa Harargee Bahaa, Omishi Jimaa jiruu jiraattota Oromiyaa Bahaa kan utube jiru tahuu himanii, murteen darbe kun bulchiinsa Godinaallee kan hirmaachise akka hin turre VOA’f dubbatanii jiran. Daani’eel Cheerinnet hoogganaan Biiroo daldalaa dhimmicha akka quba qaban himanii, murteen ministeera daldalaa fi hidhamiinsa gabaan darbe kun kaleessaa kaasee fooyya’uu VOA’f himanii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG