Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Gurgurtaa Boba’aa Mala Digitaaliin Gochuun Heddummina Namoota Hiriiraan Boba’aa Eeggatanii Dabalee Rakkoo Uume, Jedhame   

Itiyoophiyaan Gurgurtaa Boba’aa Mala Dijitaaliin Gochuun Heddummina Namoota Hiriiraan Boba’aa Eeggatanii Dabalee Rakkoo Uume, Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:36 0:00

Itiyoophiyaa keessatti bitaa fi gurgurtaan boba’aa mala dijiitaalaan akka ta’u erga taasifameen booda buufataalee boba’aa magaalaa Finfinneetti argaman keessatti namoonni baay’achuun dabaree eeggachuuf hiriirree otuu eegnuu sa’aatiin hojii keenyaa qisaasame, jechuun konkolaachistoonni Sagalee Ameerikaatti himan.

Kunis buufata boba’aa tokkotti boba’aa bitachuuf sa’aatii tokkoo hanga sa’aatii afurii dabaree eeguun dabarsisina, jedhan namoonni yaada isaanii kennan.Hojimaatichaaf haaraa ta’uun rakkicha akka babbal’ises himu. Dhimma kanarratti Itiyoo Teleekookm yaada kenneen maamiloota haala itti fayyadama isaarratti hubannoo hin qabneef hojii hubannoo uumuu akka kennaa jiru ibsuun, harkifachuun haala bittaa fi gurgurtaa garuu rakkoo humna buufataaleen boba’aa qabaniin kan wal qabatudha, jedha.

GG/MF/DHW

Forum

XS
SM
MD
LG