Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Nagaa Mootummaa Itiyoophiyaa fi WBO Taanzaaniyaa keessatti Geggeeffame 'Marsaan Dura' Xumurame


Asxtaa WBO fi Alaabaa Itoophiyaa
Asxtaa WBO fi Alaabaa Itoophiyaa

Walitti bu’iinsa naannoo Oromiyaa keessaa furuu dhaan nageenyi akka buufatu gochuu irratti mariin araaraa fuulaffatee fi Taanzaaniyaa keessatti geggeessamaa ture har’a jechuun Ebla 3 bara 2023 xumuramuu isaa mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Tajaajilli kominikeeshinii mootummaa ibsa baaseen, mariin sun irra jireessi bifa gaarii dhaan kan xumurame ta’us dhimmootii hanga tokko irratti garuu marsaa marii ammaa irratti walii galtee irra hin ga’amiin hafe jedhee jira. Wal dhibdee sana dhaabbataa fi karaa nagaan furuun akka danda’amutti, qaamotiin lachuu mariin nageenyaa kun itti fufuu akka qabu walii galaniiru jedha ibsi kun.

Amma heera mootummaa fi mootummaanis qajeelfama hanga ammaatti ittiin geggeeffamaa jiruun, mootummaan walitti bu’iinsa jiru karaa nagaan hiikuuf ejjennoo cimaa qabaachuunis ibsameera. Carraa gaarii kanaaf rakkoolee jiran marii dhaan hiikuuf jalqabbii jirutti fayyadamuu dhaan, dhimmi isaa furmaata akka argatu mootummaan Itiyoophiyaa ejjennoo cimaa qabu irra deebi’uun mirkaneessuu barbaada jechuu dhaan qaamotii marii kanaaf haala mijeessaniif keessummeessan galateeffatee jira.

WABOn gama isaan ibsa baaseen waldhabdee Oromiyaa hiikuuf yaaliin jalqabaa fi mariin nagaa geggeessamaa ture guyyaa har'aa Caamsaa 3 bara 2023 xumuramee jira jedhe .

Dhimmoota ijoo tokko tokko irratti wal hubannoon yoo irra ga’amumarii marsaa kana irratti dhimmoota siyaasaa ijoo irratti waliigalteerra gahuun hin danda’amne jedha ibsichi. Ibsi kun itti fufee, gareen lamaan walitti bu’iinsa jiru dhaabbataa fi karaa nagaan hiikuuf mariin kun itti fufuu akka qabu amananiiru jedhee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo carraa kanatti fayyadamuun waldhibdee karaa nagaaa fi walii galtee siyaasaa kabaja qabuun furuuf murannoo qabu irra deebi’ee ibsuun barbaada jedhee jira. Xumura irrattis ibsichi, Waraanni Bilisummaa Oromoo qaamolii marii kanaaf haala mijeessanii fi keessummeessaniif galata guddaa qaba jedhee jira.

Paartiin morkattootaa lama Ezema fi Abin, mootummaan federaalaa marii araaraa fi sochiiwwan walitti bu’iinsa booda jiran ilaalchisee iftoominatu itti hanqata jechuun qeeqan. Raawwatiinsi walii galtee Piritooriyaa iftoominni waan ittihanqateef, ammas paartilee siyaasaa fi uummata biraa komeen akka jiru EZEMAn ibsee jira.

TH/TG

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG