Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walabummaan Presii Balaa Keessa Jira: Komiishinera Komiishina Mirga Namaa Itiyoophiyaa

FAAYILII - Baruulee gabaaf dhihaatan, Finfinnee, Sadaasa, 2021.
FAAYILII - Baruulee gabaaf dhihaatan, Finfinnee, Sadaasa, 2021.

Komiishinerri dhimmootii mirga namaa kan komiishina mirga namaa Itiyoophiyaa Daani’el Beqqelee walabummaan presii balaa irra jira jechuun dubbatanii jiru. Guyyaa presii walabaa kabajuu fi manni maree sabaa himaan Itiyoophiyaa qophee qopheesse irratti haasaa dhageessisaniin yeroo ammaa walabummaan presii balaa keessa jira jedhan.

Komiishinerichi akka jedhanitti dhiyeenya gaazixeessonni 8 hidhamuu isaanii fi kaan immoo poolisii dhaan barbaadamaa jiraachuu akkasumas miidiyaaleen hawaasaa hangi tokkos ugguramaniiru jedhan. Jijjiiramni yeroo dhiyoo as mul’ataa dhufe walabummaa presii irra dhiibbaa ka’uu isaa illee dubbataniiru.

Daani’el itti dabaluu dhaan ogeessoa miidiyaa hidhuun faallaa seera miidiyaa biyyattii ti jedhan. dura taa’aan mana maree sabaa himaa Itiyoophiyaa obbo Amaaree Aregaawwii gama isaaniin mootummaan mirga walabummaan yaada ofii ibsuu ilaalchisee itti gaafatama heerri kenneef akka ba’u illee gaafataniiru

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG