Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bilinken Waliigalteen Nageenyaa Kaaba Itiyoophiyaa Baatii Ja’a Guute Deemsi Isaa Milkaa’ina Akka Fidaa Jiru Ibsan


FAAYILII - Ministrii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken
FAAYILII - Ministrii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken

Mootummaa Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay gidduutti walitti bu’iinsa kaaba Itiyoophiyaatti geggeessame dhaabuudhaaf walii galtee nageenyaa Pritooriyaatti mallatteeffame baatii ja’affaa sababeeffachuudhaan kan ibsa baasan Ministarichi dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken raawwatiinsa walii galtee sanaaf yaalii qaamotiin lamaanuu taasisan galateeffataniiru.

Walii galteen sun tajaajilaawwan barbaachisan deebisanii akka kennaman, deddeebiin gargaarsaa akka itti fufu, ABBUT meeshaa waraanaa gurguddaa harka isaa jiru akka deebisu, namoonni iggitamanii jiran akka gad dhiisaman, sochii haqaa ce'umsaa hunda galeessa fi hunda hammate akkasumas Bulchiinsa yeroo Tigraay keessatti hundeessuun akka danda’amu taasiseera jedhan Bilinken.

Bu'aa qabeessummaan waliigaltee kanaa, kan Gamtaa Afrikaatiin hoogganamaa turee fi Ameerikaan akka taajjabduutti irratti hirmaatte, duula ardii kanarratti wawween haa callisuu jedhamuuf akka fakkeenyaatti ilaalame Gamtichaan gaggeeffame jedhan. Akkasumas bu'aa qabeessa hoggansa gaarii dura-taa'aa Komishinii Gamtichaa Muusaa Faaki Mahamat, fi tattaaffii jila olaanaa gamtichaa agarsiisa jechuun Antoonii Bliniken ibsa barreeffaman kennaniin dubbataniiru.

Iitti fufuudhaanis, “Milkaa’inni deemsa nagaa Itiyoophiyaa Kaabaa keessaa, Oromiyaa keessatti nageenya fiduun carraan akka jiru agarsiisa. Yunaayitid Isteetis marii nageenyaa Taanzaaniyaa keessatti jalqabame kan muummicha Ministaraa Itiyoophiyaan fi miseensota waraana Bilisummaa Oromootiin labsame ni simatti. Akka gareeleen lamaan mari’atanii furmaata gama lamaaniin fudhatama qabu irra gahanis ni jajjabeessiti, jedhanii jiru” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG