Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanni Misoomaa Idil Addunyaa  Kan Yuunaayitid Isteet USAID’n  Gargaarsa Midhaan Nyaataa Gara Tigiraayitti Ergu Dhaabuu Isaa Beeksiise


FAAYILII - Qamadiin qarqaarsaa magaala Addii Mehamediyiitti namotoaaf dhihaate, Lixa Tigraay, Caamsa 28, 2022.
FAAYILII - Qamadiin qarqaarsaa magaala Addii Mehamediyiitti namotoaaf dhihaate, Lixa Tigraay, Caamsa 28, 2022.

Dhaabbatichi Roobii darbe ibsa baaseen akka ifoomsetti gargarsa midhaan nyaataa gara Tigraayitti ergu yeroof dhaabuu kan murteesse midhaan gargaarsaaf garasitti ergame gurgurtaaf gabaarra ooleera jechuunidha.

Hooggantuun Dhaabbatichaa Samanta Paawor yeroo ibsa kennanitti kun murtoo ulfaataa ta’us midhaan gargaarsaa namoota rakkoo beelaan miidhaniif bifa gargaarsaan kenname kaayyoo kennameefiin alatti gabaa naannoo keessatti gurguramaa jiraachuu erga mirkanneeffanneen booda jedhaniiru.

Itti dabaluunis dhimmicha irratti hooggantoota mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi kan bulchinsaa yeroo Tigraay waliin dubbanneerra isaanis Yuunaayitid Isteetis waliin hojjechuuf fedhii qaban himuun dhimmicha qulqulleessuun murtoo akka fudhatan waadaa nuuf galaniiru jechuun himteetti Samantaa Paawoor.

Dhimma kanarratti bulchiinsa yeroo Tigiraayitti Daayireektarri Dayireektoreetii Komishiinii Ittisa balaa Obbo Gebre Igzaaber Aregawwii ibsa gaazexeesittootaaf kennaaniin Yeroo wal waraansaa sanatti Midhaan gargaarsaaf manneen kuusaa keessa turan loltoota Eritiriyaan samaamaniiru. Midhaan gargaarsaaf kenname garuu gabaarra ooluun kaayyoo oluuf qaburraa dabuun isaa dhimma gaaffii keessa seenus miti jedhaniiru. Dhimmichas qulqulleeffannee tarkaanfii barbaachisu ni fudhannas jedhaniiru jechuun Maqaleerraa kan Gabaase Mulugeeta Astbahaati.

MA/MN/DHW

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG